Numbers 11:26 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jaarole torbatama suni keesa, nami lama, ka Heldadifi Medadi jed'ani, fulla Waaro suni d'ufu dide worrati hafe. Achi olla keesati, worrale lubbuuni ira bute, worrileeni aka raaga iyye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan keessaa namoonni lamaa qe'etti hafan; maqaan namicha duraa Eldaadi, ka lammeesso'oo ammo Moodaadi; Hafuurri isaan irrattillee hin bu'e; isaan kun worra maqaan isaanii barreeffame woliin turan; gara daase'ee ammo hin seenne ture; uduma qe'ee jiran raaga dubbatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maanguddoota torbaatama san keessaa lamaan Eldaadii fi Medaad, addee quttumaatitti hafane malee gara dunkaani'ii hin dhandhe. Te'uu malee, achuma addee quttumaa san keessatti Ayyaanni irratti bu'ee raaga dubbatane.