Numbers 11:31 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi bubbe erge gara galaanati simpirreeni gosa toko ta lafati gad'iaate d'und'uma lama lafa hanqate bariftu, d'ufeeni. Simpirreeni sunini olla worra gama ch'ufaani marsite, lafa qabatte, fageenna lafa haga deema guyya toko ch'ufa guute.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qilleensi Rabbiin biraa bubbisee gootanaasisa lagaa yaasee qe'ee irraa haga deemsa fageenna guyyaa tokkoo irratti facaase; achitti baay'inni isaanii lafa irraa haga ciqilee lamaa ol tuulamee ture;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dedhuma Mootiin Waan Maraa qilleensa ergee abbaayaa irraa barbadi-kille oofee gara addee quttumaa fide; barbadi-killeen sun lafa irraa meetira tokkoo tuulamanee, addee quttumaatii fi adaala addee quttumaa san maddii maraanuu, haga ideensa guyyaa tokkoo guutane.