Numbers 15:24 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
yo wollaali suni beekha male tolchani, gumiini ch'ufti ha korma looni sorio gubani baasani, ta ch'inch'aani isii Waaqa gammachiifti baaftuti, mid'aani Waaqaa baasanifi daad'i Waaqaa baasani woliini. Tana male gumiini ha korbeesa ree sorio dabaani ufi iraa baasani baaftuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu baniin hin beenne yoo dogoggoraan raawwatame baniin maruu ciincaa ciincawuuf kennaa midhaaniitii fi kennaa waan dhuganii woliin akka ciincaa urgaayaa Rabbii ta'u jibicha tokkoo fi korbeessa re'e'ee ciincaa cubbu'uutiif dhiyeessan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
kolbaalle adoo hin beekin yoo eegatuu dhadde, kolbaan duudiin dardara tokko kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessituu ti! Dardara san wolille'een akka seera isaatitti kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaa woliin, kennansa araara cubbu'uutiifille korbeessa re'e'ee tokko dhikeessituu ti.