Numbers 15:26 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumi Israeli ch'ufafi worra gosa d'ibi ka worra keesa taule inaraaramani wonti akanatiifi nami ch'ufti wolumaani wollaala tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wollaalaan banii maraa birattuu waan raawwatameef ijoollee Israa'elii maraaf, worra isaanitti galee isaan keessa jiraatu maraafuu isaanii araarama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaa Israa'elii duudi'ii fi alagaan odduu isaanii le'u duudiin, adoo hin beekin waan itti galaneef, araara hin dhaggatan.