Numbers 16:30 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo hojja AABBO Waaqi waan taka argani ind'agayini tolche, lafti banamte worraafi waan worri qabu ch'ufa liqimsite, aka worri ato lubbu qabu fulla ekhera d'aqu, duuba aka worri kunini AABBO Waaqa didu imbeetani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu Rabbi waan haarawa godhee lafti afaan bantee isaanii fi waan isaan qaban maraa yoo liqimsite uduma lubbu'uun jiran gara ibidda asaabaa bu'an; yoo san namoonni kunniin akka Rabbiin tuffatan beettan» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo Mootiin Waan Maraa waan te'ee hin beenne godhee, waan isaanii mara woliin, latti afaan ifii bantee isaan liqinsitee, isaan jiru'uun addee worri du'e jirutti yoo gad bu'ane, namooti kun akka Mootii Waan Maraa tuffataneeranu hin beettan» jedhe.