Numbers 16:38 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafi inni qulqullo tahe gaafa isa AABBO Waaqaa baasani. Duuba daboola ibida ka worra ibidaani hobaasani suni guuri, wolti d'od'omosi, tumi, ballisi, waan mesa fakaata ka sorio irati baasani kaaniti mamat'ansi. Aka gumi ch'ufaa akheekha taatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
girgiraa namoota cubbu'uun badanii san butuchii baxxeessiitii hulee ciincaa itti dhiyeessan irratti maxxansi; waan isaan Rabbiin afo'otti dhiyeessaniif woyyu'u; kun ijoollee Israa'eliitiifilllee malkata ta'a»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Girgirooti kun girgiroota namooti jiruu ifii balleessiisaaf cubbuu ittiin hujane; girgirooti kun gara Mootii Waan Maraa dhikaatanee waan woyyoomaneef, hephelleessii tumiitii, gonfaa addee ciinca'aa godhi. Kolbaa Israa'eliitiif ifi eeggannoo te'anuu ti› jedhiin» jedhe.