Numbers 16:40 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tunini gorsa worra Israeli gorsani, aka nami d'aloota Haruni keesa injirre, ka qaallu intahini, d'ufe hit'aana AABBO Waaqa durati inaarsine. Yo inni akasi tolche, isa akuma korafi worra isaa balleesani. Waan kana ch'ufa akuma AABBO Waaqi Musani Eliazariti himi jed'eeni tolchani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hulee Qoreenii fi worri isaa gaye akka hin geenne ijoollee Aarooniitii achi namni biraa ciincaa Rabbii dhiyeessu'uuf akka hin dhiyaanne akkuma Rabbi Muuse'etti hime ijoollee Israa'eliitiif yaadannoo godhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin isatti hime, sanyii Aaronii malee, eennulle Mootii Waan Maraa dura dhikaatee hixaana akka hin aarsineef, akka Qoraahiitii fi akka hordofattoota isaalle akka hin teene, Israa'elootaaf waan ittiin qaabatanu godhe.