Numbers 16:46 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
duuba Musani waan Harunini jed'e, Daboola ibida kanke fuud'i, ch'ile ibida ta fulla sorio iti gubani fuud'i, hit'aana ch'ile suni ira buusi, hurrisi fulla biyyaatini kooti, worra qulqulleesi, aada guutiifi. Hurrisi, dallansuuni AABBO Waaqa ya mullatte, ch'iisi d'ukuba hamani ya biyya d'aqabe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Muuseen Aarooniin, «Dafii girgiraa fuudhi! jedheen; hulee ciinca'aa irraa ibidda fuudhii hixaana itti buusi; daddafii gara bani'ii fidiitii isaanii araarsi! waan Rabbi aaree balaan bu'aaruuf» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Muuseen Aaroniin, «Mufiin Mootii Waan Maraa biraa baateerti; balaan jalqabeera; ati girgiraa keeti fudhadhuutii, kashila ibidda addee ciinca'aa irraa itti naqiitii, hixaanalle itti naqiitii, cubbuu isaaniitiif gumaa tolchiisaaf ariifadhuu gara wolde'aa gad bayi» jedhe.