Numbers 17:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba uleeni nama anini fohad'e latte baati. Kara kanani anini gungumsu worra Israeli ta guyya ch'ufa sira gungumani d'owa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uleen nama ani filadhee hin lalifti; namoota isinitti guguungumu ijoollee Israa'elii jiddu'uu balleessa»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba uleen nama ani fileeruu hin quunxiti. Akka kanaan gungumiisa Israa'elootaa ta isaan yennaa mara si irratti gungumanu si irraa kuta» jedhe.