Numbers 18:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini siifi ilmaani tante ta d'iiratifi ta uwale, waan worri Israeli bara ch'ufa na baasu, kenna. Kunini wold'aqisa haguma jiru jireenna, tau ka anini siifi ilmaani tante woliini tolfad'u.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Wonti ijoolleen Israa'elii waan woyyoome fuutee Rabbii dhiyeessitu maruu si'ii fi worra si woliin jiru, ijoollee tee ta dhiiraatii fi ta intalaatii gayee baraa haga bara baraa isinii kenneera; kunillee waadaa ani sii fi fiixaa kee maraaf galu; waadaa sooqiddaa ka baraa haga bara baraa hin diiggamne» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Kennansi woyyichi ka Israa'elooti ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessitu marti si'iif, ilmaan teetii fi ijoollee durraa teetiif qooda yennaa mara akka te'u kenneera. Tun si'ii fi sanyii teetiif ana Mootii Waan Maraa duratti Gondooroo sooddaa ti » jedhe.