Numbers 18:32 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi waan ch'ufa ira dansa AABBO Waaqa baaftani, yo taani d'ibi nyaatanile wollaala inqabdani. Ammo eegad'a, aka qooda suni nyaatani, waan qulqullo worri Israeli baasu int'ureesine; yo nyaatani indootani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan filatamaa haga Rabbii dhiyeessitaniin maayessa ka hafe yoo nyaattan cubbuu isinitti hin ta'u; garuu waan filatame uduu Rabbii irraa hin kennine waan ijoollee Israa'elii ka woyyoome hin batteessinaa'a› » jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eega waan irra caalaa dansaa te'e dhikeessitane, isin yakkaameyyii hin teetanu. Achiin duuba kennansa woyyicha Israa'elootaa hin batteessitanu; hin duutanulle'e› jedhi» jedhe.