Numbers 19:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba nami qulqullooni ha dame urgo fuud'e, bisaani suni keesa buuse, waarofi waan keesa jiru ch'ufafi nama keesa jiru ch'ufati fifit'uti. Ammalle nami qulqullooni ha namicha lafe nama yokhaani reefafi awaala nama qabate, bisaani iti fifit'uti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni woyyoome hisoophii fuudhee bisaan irratti cuupha; meeshaa daasee keessa jiru maraa namoota hulee san jiran ka lafee yookaan waan du'ee fi worra awwaala tuqee irratti facaasa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba nami akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e damee hisoophii fuudhee, bisaan keessa cuuphee, dunkaani'itti, waan dunkaanii keessa jirutti, namoota achi jiranu maratti, ka lafee nama du'ee tuqetti yookiin ka irreensa tuqetti yookiin ka nama ijjeefame tuqetti yookiin ka reeffa nama akkasumaan du'e tuqetti fiffixuu ti.