Numbers 19:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi suni nami qulqullooni d'ibiini ha daara fulla saa suni iti gubani guure, olla keesaa baase fulla qulqullooti naquuti, achiti ha olkayani, aka gumiini Israeli hojja bisaani ch'ubbuuni ufi ira qulqulleesani kurfeesitu hojattuuni. Wonti aada tana tolchanifi aka ch'ubbu balleesani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni woyyuun daaraa raadattii gubattee san wolitti qabee qe'e'een ala baasee hulee mishaa kaaya; bisaan worri Israa'elii battummaa irraa woyyoomsu'uuf achitti qopheessan; waan namoonni ittiin woyyoomaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba nami akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e daadhaa goronsaa san haree, addee quttumaatiin alatti, addee akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu teete keessatti naquu ti; daadhaan sun kolbaa Israa'eliitiif bisaan ittiin qulqulloomanu qopheessiisaaf te'a. Kunille cubbuu irraa ittiin qulqulleessiisaaf te'a.