Numbers 20:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu amma si kad'anna, lafa tante keesaa dabru feena, nu dabarsi. Nu kara iraa gorre oobru teesani ta mid'aanitifi ta zabibule inseenu, ammalle eellani teesanile bisaani keesaa ind'unnu. Haga lafa tante keesaa baanuti kara kanke gudda iraa ingorru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yabo'ootii biyya tee keessaa gara maasaa midhaaniitii fi gara maasaa woyini'iillee hin gorru; bisaan boollaallee hin dhunnu; karama mootiin baase irra deemna; haga daangaa kee irra lufnuuf bita'aa mirgallee hin jennu» jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maganne'ee lafa teeti keessa akka dabarru nuu eeyyami. Nuuti fichaa nama tokkoo yookiin oorruu woynii nama tokkoolle keessa hin baanu, baleessa tokkolle keessaa bisaan hin unnu; haga lafa teeti keessa dabarrutti karaa guddaa mootichaa irraa asii fi achi middaa fi bitaa adoo hin gorin hin ideenna› jedha'aa itti hima'a» jedhe.