Numbers 20:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ule tana fuud'i, duuba siifi oboleesi kanke Harunini gumi wolti yaama. Worra durati rabsu d'akha suniti dubbad'i, duuba bisaaniti keesaa baha. Kara kanani atini bisaani d'akha keesaa biyya baafta, aka namafi saileeni d'eebu bahu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ulee tee fudhadhuu atii fi obboleessi kee Aaroon banii wolitti qabaa'a; dhagaan akka bisaan baasu uduu isaan laalan itti dubbadhaa'a; ati dhagaa keessaa bisaan baaftee isaanii fi horii isaaniillee obbaafta»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ulee teetii fudhadhuutii atii fi obboleessi keeti Aaron wolde'a wolitti qaba'a; achitti isaan mara duratti rassa'atti dubbadha'a; rassaa san keessaa bisaan hin burqa. Akkanaan ati rassaa keessaa kolba'aaf bisaan baachee, isaanii fi horiille hin unan» jedhe.