Numbers 21:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi dubbi worraa d'agayeefi, worra Kanaani harka worrati kenne. Jennaani worri Israeli worraafi dira worraa had'e balleese, lafa suni Horma maqa baaseefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbillee laagaa Israa'elii dhagayee worra Kana'aanii dabarsee isaanii kenne; isaanii fi qachaa isaanii maraa sirima balleessanii maqaa hulee sanii «Heermaa » jedhanii itti baasan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa qoonqoo Israa'elootaa dhage'ee, worra Kana'aanotaa harka isaaniititti dabarsee kenne; Israa'elootille isaanii fi qachoota isaaniille ijjumaa balleessanee, maqaan addee sanii, «Hormaa » jedhamee moggaasane.