Numbers 21:33 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba eege worri Israeli garagale, kara Bashani deemu gula yae; jennaani hayyu Oguni ka lafa Bashani gabahe, duula ufi fud'ate, aka Edreti worra had'u kurfefate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa uduu isaan karaa Baasaaniitiin deebi'aaran mootiin Baasaanii Aagi isaaniin lolu'uuf banii maraa woliin karaa Eediraayiitiin gara isaanii baye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Israa'elooti deebi'anee, karaa Baashaan geessu gula ol bayane; mootichi Baashaanii Oog Edraayitti isaan loliisaaf loltoota ifii duudii woliin duula baye.