Numbers 21:34 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Isa insodaatini, anini isaafi worra isaatiifi lafa isaale harka keesaniti kenna. Waan atini Sioni, hayyu Amori, ka Heshboni tau, tolchite isale tolchi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Muuse'een, «Isaa fi banii maraa lafa sanillee sii kenneeraa isa hin sodaatin; Akkuma mootii Amoorotaa ka biyya Haseboonii jiraatu Seewooniin irratti goote akkasuma kana irrattillee hin gootaa» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ati isa hin sodaatin; ani isaa fi loltoota isaa, lafa isaalle harka keetitti dabarsee hin kenna. Mootii Amoorotaa Sihoon, ka qachaa Heshiboonii keessa tee'ee bulche akkuma goote, Oogille akkasuma godhi» jedhe.