Numbers 21:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba biyyiti Musati d'ufte waan jette, gaafa nu siifi AABBO Waaqati gungumne guddo ch'ubbu tolchine. Amma AABBO Waaqa nu kad'ad'u, aka inni bofa kana nuraa balleesu. Duuba Musani Waaqa biyya kad'ate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin gara Muuse'ee dhufanii, «Waan si'ii fi Rabbitti dubbanneef yakkineerra; akka Rabbi bofa nu irraa fageessu Rabbiin nuu kadhadhu» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan gara Muuse'ee dhuttee, «Nuuti Mootii Waan Maraatii fi si'i irralle'etti kaanee dubbannee yakkineerra; dhudhuufaa kana akka nu irraa fageessuuf, gara Mootii Waan Maraa nu'uuf daadimadhu» jette. Maarre Muuseen kolba'aaf daadimate.