Numbers 22:25 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Harreeni taani malaika arginaani d'akha aka dalaa kaaniti riiqate, miila Balamu ch'arasite. Jennaani Balamuni ammalle isi d'aane.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Harrattiinillee maleekkaa Rabbii argitee gara kalo'oo siixxee hucuuccee luka Bala'aamii kalo'oon wolitti maxxansite; inni ammallee isii dhaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Harreen sun ergamaa Mootii Waan Maraa yennaa dhaggite, gara dalleya dhaka'aa maxxantee, miila Bala'aamiille dalleya dhaka'aatitti maxxansite. Maarre inni ammalle isii dhowe.