Numbers 28:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan guyya ch'ufa gubani daad'i woliini Waaqaa baasani male, korbeesa toko sorio dabaani ufi iraa baasani, Waaqaa baasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko Rabbii dhiyeessitan; kennaan kun kennaa hennaa maraa ciincawu ka midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin ala dhiyaatu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kennansa gubamu ka guyyuma guyya'aan daadhii woyni'ii woliin dhikaatu woliin araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a.