Numbers 28:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tunini waan guyya ch'ufa gubani baasani, ta gaafa qara gaara Sinai irati gubani baasani, ta ch'inch'aani isii AABBO Waaqa gammachiiftu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kennaan kunillee kennaa hennaa maraa ciincaa ta'ee dhiyaatu, kennaan ciinca'aa ka Rabbiin gammachiisu kun ka hennaa duraatiif gaara Siina'aa irratti kennaa midhaanii ta'ee Rabbii dhiyaate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kun kennansa guyyuma guyya'aan gubamu, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu, seera kennansa ibiddaan gubamee naaf dhikaatu ka gaara Siina'aa irratti jalqabame.