Numbers 3:13 — Compare Translations

2 translations compared side by side

Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hangafni maruu kiyya waan ta'eef worri Leewwotaa kiyya haa ta'anii; guyyaa ani biyya Misirii keessatti hangafoota maraa ajjeese sa'aa nama keessaa hangafoota Israa'elii hambifadheeraa tajaajiltoota kiyya haa ta'anii; Ani Rabbiin waan ta'eef»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani Mootii Waan Maraa ti; angafooti marti kiyya waan te'aneef, ani biyya Gibxi'ii keessatti, angafoota worra Gibxootaa mara yennaa ijjeese, angafoota hori'iitii fi angafoota ijoollee Israa'elootaa mara akka isaan kiyya te'anu filadheera. Tanaaf Lewwooti kiyya te'aneeran» jedhe.