Numbers 3:31 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hujiini worri kunini hojatu aka Sanduqa Wold'aqisatiifi mesafi waan ifseeni ira ejitufi waan mesa fakaata ka sorio irati baasani lamaanifi miha qaaloleeni fulla qulqullo keesati hojatunifi golla balbala Fulla Ira Qulqullooti jiru qorqoratani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan saanduuqa waada'aa, gabatee baattuu ibsa'aa, waan ciincaa irratti dhiyeessan, waan ittiin tajaajilan, mi'a mana woyyu'uu golgaa fi waan ittiin tajaajilan maraa eegan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan kun Saanduqa Gondooro'oo, xarapheessaa, waan issaa irra keyanu, addee ciinca'aa, meya addee Woyyitti'ii ka isaan itti fayyadamanu, golla'aa fi hujii waan kanaan wol qabaatte mara eegiisaaf itti gaafatamummaa qaban.