Numbers 31:50 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi nu amma faaya worqitiifi, waan irreefi harkati keeyatanifi, qube qabatifi, gurrale, yokhaani imule d'ufuniti jirra. Nu waan kana ch'ufa Lubbu teenna jenne AABBO Waaqaa baafna, aka inni nu qorqoratu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
marti keennaa waan boojinee dhufne mi'a worqi'ii, bitoo lukaa, qubee harkaa, laakkaa, worqii gurraa, tabsee mormaa akka Rabbi nuu araaramuuf Rabbiif qabannee dhufneerra» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre nuuti Mootii Waan Maraa duratti gumaa cubbuu teennaa tolchiisaaf, waan nami tokko tokkooyyuu dhaggate meya worqii irraa hujame: irmuura miilaa, irmuura harkaa, qubee qubaa, qubee gurraatii fi dooqa mormaa kennansa Mootii Waan Maraatiif finneerra» jedhane.