Numbers 33:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Israeli guyya kud'ani shaneeso, ka jia tokeeso, eegi Pasaka qara nyaate, lafa Misiri keesaa godaane, worri, ka worri Misiri ch'ufti argu, qarqaarsa AABBO Waaqatini dira Ramesesi keesaa godaane;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ji'a jalqabaa guyyaa kudha shaneesso'ootitti Raamse'ee ka'anii bariisaa ayyaana faasika'aa uduu worri biyya Misirii maruu argan ijoolleen Israa'elii irree gudda'aan biyya Misirii keessaa bayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan Israa'elii ji'a qaraa keessa, guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti, Jila Irra Dabaramaatiin boruyyaa, worri Gibxi'ii duudiin adoo isaan dhagganuu, gadhaa jabeennaan qachaa Raamsesiitii ka'anee deemane.