Numbers 34:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba arti bahe, bita qajeele, Ribila ta Ainini ilaboru dabre, duuba kubile afaani galaana Galilaya gama ilaboruti qajeele,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
daangaan isaallee Aayii Seefaamaa irraa ka'ee gara baya biiftu'uutiin gara Ribila'aa bu'ee haga Kineereetii gara baya biiftu'uutiin galaana Woshmaxii bira gaya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Meessaan kun Shefaamii ka'ee Aayin irraa gara baya adu'uutiin gara Riibla'aa gad bu'ee, haga goodda abbaayaa Kiineretii irraa gara baya adu'uu jirtuulle gad dhaqa.