Numbers 4:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba ammalle ha miha Fulla Qulqullo keesati hojatanini ch'ufa fuud'ani, woya buleeni mamarani, golla d'iisisani ira kayani waan aka sire ta baataniini ira kayani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mi'a mana woyyuu keessatti ittiin hojjatan maraa haa fuudhanii; uffata bulee keessa haa kaayanii; gogaa busaawa'aa ka sukkuumameen haa maranii; waan isa ittiin baatanillee itti haa godhanii
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Meya addee woyyitti'itti ittiin tajaajilanu mara fuudhanee, woyaa bifa cuquliisaa keessa keyanee, gogaa hoolee galaanaatiin maranee, goongaa ittiin ba'atanu irra keyanuu ti.