Numbers 4:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba miha ch'ufa, ka huji soriotini tolchani, ha gubba kayaniti: daboola ibidati, hooko, bao, qori. Duuba ha golla d'iisisani ira kayani, kalcho baataniini iti naqaniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mi'a ittiin hojjatan maraa, girgiroota, qadhabaawwan, waan barbadaa ibiddaa ittiin haadhan, distoota, meeshaa ciincaa itti dhiyeessan maraa irra kaayanii isa irratti gogaa busaawa'aa ka dhifame irra badhisanii loosaa keessa haa luqqisanii;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba meya addee ciinca'aatitti ittiin tajaajilanu mara, waan ibidda irratti bobeessanu, filaa foonii, akkaafaa, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante san irra keyanuu ti. Isaan gogaa hoolee galaanaa irra buusanee, muka rare'een ba'atanu addee isaaniititti galchanuu ti.