Numbers 4:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja godaanani, worri balbala Kohathi ha d'ufe, waan qulqullo kana ch'ufa baatuti, ammo haga Harunifi ilmaani isaa huji tana ch'ufa kurfeesani hobaasaniti worri inqabatini. Worri balbala Kohathi waan qulqullo kana tokole intuqini, yo tuqani induani. Hujiini worra balbala Kohathi ta hojja Waaro Woyyuma godaansisani worri hojatu suni.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa achii ka'e Aaroonii fi ijoolleen Aaroonii mi'a mana woyyu'uutii fi mana woyyuu haga uwwisaniin maayessa ijoolleen Qa'aatii hennaa san baadhachu'uuf dhufan isaan akka hin duuneef mana woyyuu akka hin tundhe daasee wol gayi'ii keessatti wonti ijoolleen Qa'aatii baadhattu kana.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Yennaa addee quttumaatii ka'anu, Aaronii fi ilmaan isaa meya woyyichaa fi waan tajaajila kanaaf te'u mara itti uffisaneen duuba, ilmaan Qehaatii dhufanee ba'atanuu ti. Akka hin duune ammoo meya woyyicha san tuquu hin qabanu. Hujiin ilmaan Qehaatii Dunkaana Woldeenna'aatii fi waan Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa ba'atiisa.