Numbers 4:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri ha woya bule mesa qit'a AABBO Waaqaa baasani ira kayani irati ballisuuti: ammalle mesa suni ira saanifi waan hit'aana keesati aarsanifi d'ameelafi muduunu daad'i Waaqaa baasani iti naqani ha d'ad'abaniti; ammalle qit'aani hojja ch'ufa mesa suni gubba jiraachu male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Gabatee buddeenni kennaa Rabbii itti dhiyaatu haa golganii; isa irrattillee saanii ittoo itti dhiyeessan, mooqqaa, mijuu, waan ittiin woraabbamullee isa irra haa godhanii; buddeenni hennaa maraa jiraatu isa irra haa ta'uu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Xarapheessaa daabboo Waaqa dura dhikaattu irra keyanu irra woyaa bifa cuquliisaa afanee, gabataa, qorii, muduunu'uu fi kobola kennansa daadhii woyni'ii ittiin dhikeessanu ka worqii irraa hujamane, daabboolle yennaa mara irra keyanuu ti.