Numbers 4:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle worri ha woya bule fuud'e, waan ifseeni ira ejitufi ifse isiitiifi qad'abefi saanifi waan d'ad'a iti naqani ch'ufa ira ballisuuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Uffata bulee haa fuudhanii; baattuu ibsa'aa ka ifu waan gaga'aaf sayitii ittiin ibsan, girgiraa daara'aa, waan baattuu daara'aa irra kaayan isallee hojjachu'uuf mi'a sayiti'ii maraa itti haa uwwisanii;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Woyaa bifa cuquliisaa teete san fuudhanee, waan issaa irra keyanuu fi ifa isi'ii woliin, qaraphaa issaa ittiin dhaanfanu, qorii daadha'aa, meya zayiti'iitii fi meya isi'ii maratti uffisanuu ti.