Numbers 5:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
aka ch'ufafu namichi niiti suni ha qaalluti geesuti. Ammalle inni ha garbu kilo toko ta iraa fed'ani fuud'u; ammo d'ad'a yokhaani hit'aana iti inaarsini. Wonti akanatiifi woni baasani sunini waan d'iirsi maro d'ugeefata niiti ufi d'abeefi baasu, aka d'uga diidati baasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
namni sun haadha manaa ufii gadichatti haa fiduu; daakuu garbu'uu iifii tokko ka kenna'aaf barbaachisu woliin haa fiduu; garuu isa irratti dhadhaa ejersaa hin buusin; hixaanallee itti hin eda'in; sababaan kennaan sun waan dhuga'aa ifatti baasuu akka dandeessisu waan shakkii haadha manaatiif ka dhiyaatu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namichi sun niitii ifii san gara hayyichaa geessuu ti. Marroo isi'iitiif kennansa barbaachisu bullaa garbu'uulle kiiloo tokko geessuu ti. Kennansi kun kennansa midhaanii ka marroo hinaaffa'aatiif dhikaatu, ka yakkaa qaabachiisu waan te'eef, inni zayitii ejersaatii fi hixaana itti hin naqin.