Numbers 5:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba inni ha rifeensa niiti suni hiikhe, garbu d'ufaniini taani harka isiiti kennuti. Harka ufi keesa qaallichi ha okote faara ta bisaani had'ao abaarsaani d'ufaa qabdu, qabaatuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
gadichi intalattii san Rabbiin afoo dhaabsisa; mataa isi'ii ol qabee waan isiin maratte irraa mulqee ol qabee kennaa midhaanii harka isi'iitiin akka yaadanno'oof ta'u kennaa hinaaffa'aa san kaaya; kennaan kunillee harka gadichaatitti bisaan hadhaayaa abaarsa fidu ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hayyichi mataa dubartitti'ii irraa hagoogguu buusee, kennansa midhaanii ka yakkaa qaabachiisu, ka marroo hinaaffa'aatiif dhikeeffamu, harkatti qabachiisee, fuula Mootii Waan Maraa dura dhaabbachiisuu ti. Harka ifiititti bisaan hadhowaa abaarsa fidu qabatuu ti.