Numbers 6:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
nafa ufi AABBO Waaqaa kenne aada Naziriti deebiuti. Haga inni qara aada suni keesa jiru iti inheregani, wonti akanatiifi aada isaa ta qara taani t'ureesani. Ammalle inni elemo ganna toko maro wollaala sunitifi ha d'ufuuni.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara inni Rabbiif adda uf baase san Rabbii woyyoomsa; korbeessa woggaa tokkoo ciincaa yakkaatiif haa fiduu; waan inni bara Rabbiif adda uf baase san keessatti battaayeeruuf bara sanniin hin woyyoomsa; korbeessa woggaa tokkoo ciincaa yakkaatiif haa fiduu; waan Rabbiif adda uf baasuun isaa sun battaayeef; ji'oonni inni Rabbiif adda uf baase sunniinillee duwwaa ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni bara ifi adda baase san ana Mootii Waan Maraatiif ifi woyyoonsuu ti. Sababa yakka'aatiif korbeessa hoole'ee ka woggaa tokkoo fiduu ti. Inni waan battoweef, barri inni duri adda ifi baase ka qaraa sun hin laakkowamu.