Numbers 6:20 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi suni qaallichi waan kana ch'ufa AABBO Waaqati ha oliqabuuti woni kunini ch'ufti qooda qulqullo qaallu kennani, handaraafafi miila elemo kaani ka seera gula qaallicha baasani male. Eegi suni namichi aada Naziri keesa jiru kaani, yo fed'e, dandae daad'i d'uga.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
gadichi kennaa kanniin sosochoosu'uuf Rabbiin afoo fida; hin sosochoosalle'e; foon lukaatii fi foon handaraafaa ka gadichaaf woyyoome; achiin maayessa namichi Rabbiif adda baye (Naazirichi) sun daadhii woyini'ii dhuguu hin danda'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba hayyichi waan kana kennansa tachoofamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. Kun martinuu cormi'ii fi luka korbeessaa ka kennansa addaa te'anetti dabalamanee qooda hayyichaa woyyicha te'an. Saniin duuba, nami adda baye sun daadhii woyni'ii unuu hin dande'a.