Numbers 6:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle haga aada Naziri tana keesa jiru, inni mata ch'irate yokhaani inhaadatini. Haga guyyaani inni AABBO Waaqa kakhate isaati ufi kenne, aada suni gula deemu iraa hobauti, inni ha rifeensa isaa ka matatifi ka areeda galakisuti, aka inni d'ed'eeratu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Bara Rabbiif adda uf baasu'uuf silatii qabe san irraa jalqabee haga barri inni Rabbiif adda uf baase sun raawwatamutti mataa akka hin haadanne inni woyyuu ta'a; mataa ufiillee hin guddifata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
« ‹Inni bara ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baasiisaaf waadaa gale mara rifeensa mataa ifii hin quxatin yookiin hin haadatin; haga barri inni ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baase muummowutti, inni woyyuu te'uu ti; rifeensa mataa ifii guddifatuu ti.