Numbers 7:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan waaqaa baasu male AABBO Waaqatini d'ufe: gaari jaafi qotiyo kud'ani lama, nami lama gaari toko, ammo nami ch'ufti qotiyo toko tokooni d'ufe. Eegi worri waan kanani d'ufe,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee kennaa ufii Rabbiin afoo dhiyeessan; kennaan isaan Rabbii fidanillee maqaa bulchoota lamaaniitiin konkolaataa fardaa tokko, akkasuma maqoota bulchaa maraatiinuu sangaa tokko, konkolaataa fardaa jahaa fi sangoota kudha lamaa dhiyeessan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan garreettaa geejjibaa ka itti uffifame jaa fi korommii kudhanii lama, sooreyyiin tokko tokkooyyuu korommii tokko tokko, akkasuma lama lama te'anee, garreettaa geejjibaa tokko tokko kennane; isaan kennansa kana dunkaanii dhugaa bayaa duratti dhikeessane.