Numbers 9:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan atini worra Israelitini jettu, Hojja isani keesa nami toko, yokhaani d'alooti keesani nami toko, reefa tuqe t'urae, yokhaani inni imaltu fago jiraate, ka inni aada jila Pasaka tolfachu fed'u,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; isin keessaa yookaan hortee keessan keessaa namni reeffa tuqee yoo battaaye yookaan yoo imala fagoo deeme, innillee ayyaana Faasika'aa ka Rabbii haa ayyaanteffatuu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ati Israa'elootaan, ‹Isin keessaa yookiin sanyii teessan keessaa worri reeffa namaa tuqiisaan battowe yoo jiraate yookiin yennaa Jila Irra Dabaramaa karaa fagoo deemiisatti jiru yoo jiraate, Jila Irra Dabaramaa jilifatiisa hin dande'an.