Philemon 1:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Haganaan achi, inni obboleessa jaallatamaa garbicha caaluu malee, akka garbichaati moti. Inni anaaf jaallatama'a, si'iif ammoo namumma'aa fi Gootta'aan, irra caalaa jaallatama'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma inni tisseeniti ammo tisse ira jira; inni oboleesa Kristo keesati. Inni guddo naa jaba! Si hagasira jabaata, waan inni tissetiifi oboleesa Aabbo keesa, taheefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Armaa achi innii akka tisseetiiniti akka obboleessa jaalatanii ta'ee si waliin taa'a. Inni naa jaala dansaa, sii ammoo; marroo wa'ille hojjate, kiristoolleen obbolleesa sii ta'eef hagasi caalaa jaala dansaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati ammaa achi akka garbichaatitti uduu hin taanee akka obboleessa jaalatamaa garbicha caaluutitti simadhu. Inni keessattuu eega naaf jaalatamaa, ta'e sii ammo foonii fi karaa Goofta'aatiinillee san caalaa jaalatama'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ati ammaa achi akka garbichaatti uduu hin taanee akka obboleessa jaalatamaa garbicha caaluutitti simadhu. Inni keessattu eega naaf jaalatama ta'e sii ammoo foonii fi karaa Goofta'aatiinillee san caalaa jaalatama'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ammaa achitti si'iin woliin ka jiraattu'llee akka garbichaa titti uduu hin ta'in, ka garbicha caalu ta'ee akka obboleessa jalatama'aa ta'eeti, inni anaaf obboleessa jaalatama'a, haa ta'u malee foonii inni tajaajila isaatiin waan si fayyaduu fi hafuura isaatiin ammoo Kristosiin obboleessa kee waan ta'eef, si'iif caala'atti jaalatama'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Haganaa achi, inni obboleessa jaalatamaa garbicha caaluu malee, akka garbichaati moti. Inni naaf jaalatama'a, si'iif ammoo namumma'aa fi Gootta'aan, irra caalaa jaalatama'a.