Philemon 1:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani Phawuloos, “Si'iif deebisee hin kaffala” jedhee harkuma kiyyaan tana barreessa; atuu Kiristoosiin liqaa kiyya te'uu keeti sitti himuu ana hin barbaachisu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini waan kana harkuma kiyyaani t'aafa: Anini, Pauloni, sii baasa. Ammo aka atini jireenna kanke maro tiyya qabdufu yaala bahi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin Phaawuloon sii baasa jedhee, waan kana harkuma kiyyaan barreessa. Ammoo akka atin jireennuma kankee kanaa marroo tiyyaaf qabduu si qabsisuu hinfedhu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
liqaa isaa san ana irratti laakkayi! Ani Phaawuloos, «Liqaa san hin deebisa» jedhee harka kiyyaan sii barreessa. Kanaa achi atuu Kiristoosiin keessaan liqaa kiyya akka taate sitti himuu na hin barbaachisu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Liqaa isaa san ana irratti laakkayi! Ani Phaawuloos, «Liqaa san hin deebisa» jedhee, harka kiyyaan sii barreessa. Kanaa achi atuu Kiristoosiin keessaan liqaa kiyya akka taate sitti himuu na hin barbaachisu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kunoo ani Phaawulos «Liqaa isaa siif ni kafala» jedhee harkuma kiyyaan barreessee ni mirkaneessa, ta'u'llee waayee lubbuu keetiitiif ati mataan keetuu, nama liqaan kiyya jiru ta'uu kee ani si yaadachiisuu ana hin barbaachisu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani Phawuloos, «Si'iif deebisee hin kaffala» jedhee harkuma kiyyaan tana barreessa; atuu Kiristoosiin liqaa kiyya te'uu keeti sitti himuu na hin barbaachisu.