Philemon 1:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleessa kiyya, gadhaa kolbaa Waaqaa waan jajjajabeessiteef jaalala keeti irraa ani gammadaa fi jajjabeenna guddaa dhaggadheera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jaalalti tante, oboleesa kiyya, ya gammadafi jabeenna gudda naa kennite! Wonti akanatiifi atini ya nama Waaqa ch'ufa gammachiifte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleessa kiyya, waan atin nama Waaqaa cufaa gammachiifteef jaalaltii tantee yaa gammadaa fi jabeenna guddaa naa kennite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qalbiin woyyootaa hujii keetiin waan hara baafateef; obboleessa kiyya jaalala keetiin gammachuu gudda'aa fi jabeenna argadheera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Qalbiin woyyootaa hujii keetiin waan harabaafateef, Obboleessa kiyya jaalala keetiin gammachuu gudda'aa fi jabeenna argadheera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleessa kiyya! Waayee keetiin onneen amanttootaa waan haareffameef, gammachuu ol aana'aa fi jajabeenna'llee naaf kennee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleessa kiyya, gadhaa kolbaa Waaqaa waan jajjabeessiteef jaalala keeti irraa ani gammadaa fi jajjabeenna guddaa dhaggadheera.