Philippians 1:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri jaalala dansa'aan Kiristoos lallabu, akka ani Oduu Gammadaatiif falmatiisaaf as keyameeru hin beeka.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri kunini maro jaalalatiifi waan kana tolcha, waan worri aka Waaqi arma na kaye, Odu Dansa jabeesi naani jed'e beekhufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warri kun waan akka Waaqii arma na kaaye, oduu dansaa jabeessi naan jedhu beekuuf, jaalalaan waan kana tolcha,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kunniin akka ani waan Dubbii Nagayaatiif tamaaggataa ta'ee muudame beekanii jaalalaan himan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kunniin akka ani waan Oduu Nagayaatiif ittisaa ta'ee muudame beekanii jaalalaan himan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan kunniin'llee dubbii Waaqaa onnee fayyaatiin ka lallaban, jaalala irraa ka ka'een, isaan'llee ani wongeela kana baraaru'uuf asitti ka gatame ta'uu kiyya waan beekaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri jaalala dansa'aan Kiristoos lallabu, akka ani Oduu Gammadaatiif falmatiisaaf as keyameeru hin beeka.