Philippians 1:20 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Karaa tokkolle'een akka ani hin qaanonne, halcha'aa fi addiin tiyya san; ammoo akkuma yennaa maraa tolchu, amma jiru'uun yookiin du'aan Kiristoos nafa kiyya irratti akka ulfaatu jabeenna guutuu hin qabaadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi abdifi fed'iini tiyya tana — aka anini inch'eerfanne, ammo aka hojja ch'ufa, keesuma ammatana, anini garaa jabaad'u, aka jabeenna kiyya ch'ufaani Kristo ulfeesu, yo duefi yo jiraad'ele.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka karaa tokkoolleen hinceeree anin abdii fi fedhiillee inqaba, Wanti akkanaatiif ani du'aa jireenaalleen jabaadheetti garaa kiyya cufaan ulfina kiristootiif hojjadha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kun Hawwii kiyyaa fi abdii kiyya waan ta'eef, waan tokkottillee hin saalfadhu. Haa ta'uu ammo yoo lubbu'uun jiraadhe yookaan yoo du'e, Kiristoos jireenna kiyya irratti akka ulfaatu jabeenna guutuu qaba.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kun Hawwii kiyyaa fi abdii kiyya waan ta'eef, Waan tokkottillee hin saalfadhu. Haata'uu ammoo lubbu'uun yoo jiraadhe yookiin yoo du'e, Kiristoos jireenna kiyya irratti akka ulfaatu jabeenna guutuu qaba.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dhugamaanuu akka hin saalifachiifnneef abddi'iin ni eeggadha, garuu akkuma yeroo mara raawwdhuu fi adha lubbu'uun yoo jiraadhe yookiin yoo du'e, Kristos qaama kiyyatti ni kabajama jedhee, uggiinssaan ni dubbadha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Karaa tokkolle'een akka ani hin qaanonne, halcha'aa fi addiin tiyya san; ammoo akkuma yennaa maraa tolchu, amma jiru'uun yookiin du'aan Kiristoos nafa kiyya irratti akka ulfaatu jabeenna guutuu hin qabaadha.