Philippians 1:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waan tokkolle'een mormitoota teessan sodaattanee hin raafamina'a! Jabeenni kun Waaqa irraa isiniif kenname; kunille isaaniif beessisa badi'ii ti; isiniif ammoo beessisa fayyinnaa ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nyaapa keesani insodaatiina; hojja ch'ufa jannooma, wonti kunini aka isani worra dabsatani agarsiifti Waaqati dabsacha isanii kenna!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqatti irree isanii kennaa, nyaapha keessan hin sodaatinaa; yo cufaa jannoomaa, wanti kunin akka isan warra dabsattani agarsiiftii
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Woma tokkoonuu worra isin mormu hin sodaatinaa'a. Kun isaaniif badi'i; isiniif ammo malkata fayyinnaati. Kun waan Rabbiin irraa ta'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Woma tokkoonuu worra isin mormu hin sodaatinaa'a. Kun isaaniif badi'i; isiniif ammoo malkata fayyinnaati. Kun waan Rabbiin irraa ta'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Mormmitoota keessan'llee womaanuu hin sodaatinaa, uggiinssi keessan kun'llee isaaniif malikata badiinsaa yoo ta'u, isiniif ammoo Waaqa biraa ka isiniif ta'e malikata fayyiinsaati.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waan tokkolle'een mormitoota teessan sodaattanee hin raafamina'a! Jabeenni kun Waaqa irraa isiniif kenname; kunille isaaniif beessisa badi'ii ti; isiniif ammoo beessisa fayyinnaa ti.