Philippians 1:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa ani amma hidhameeruu fi adoo hin hidhamin Oduu Gammadaatiif falmadhuu fi isii jabeessu, isin martinuu ana woliin badhaadha Waaqaa waan qoodantaneef, yennaa mara gadhaa kiyya keessa jirtan. Maarre marroo teessaniif yaadi natti dhage'amiisatti jiru sirri'i.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani hojja ch'ufa qalbi tiyya keesa jirtani! Tanaafi anini hojja ch'ufa waan keesani akasi heregu male. Isaniini ch'ufti ya eeba Waaqi naa kenne tana qoodattani, ana ka amma hid'aansa keesa jiruufi gaafa anini duri diida jirule, aka Odu Dansa suniifi dubbad'e isi jabeesu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan yo cufaa qalbii tiyya keessa jirtan! Tanaaf anin yo cufaa waan keessan herreguu male. Isaniin cuftii yaa eebba Waaqii naa kenne tana na waliin qoodattan, ani yo amma hidhaansa keessa jiruu fi gaafa durii diida jirulle, oduu dansaa sunii dubbadheetti isii jabeessa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin waan garaa kiyya keessa jirtaniif ani waan keessan maraaf akkana yaaduun kiyya dhuga'a. Hidhama kiyya keessattillee falmachuu kiyyaaf akka Dubbiin Nagayaa cimee dhaabatu godhuu kiyya keessatti, martii keessan Ayyaana naa kenname keessaa qoodamtaniirtan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin waan garaa kiyya keessa jirtaniif, ani waan keessan maraaf akkana yaaduun kiyya dhuga'a. Hidhama kiyya keessattillee falmachuu kiyyaaf akka Oduun Nagayaa cimee dhaabatu godhuu kiyya keessatti, martii keessan Ayyaana naa kenname keessaa qoodamtaniirtan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amma yeroo mana hidha'aa jiruttii fi hidhamuu kiyyaan duranatti'llee, dhugaa wongeelaatiif ittifachuu fi isa'llee jabeessu'uuf, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa naaf kenne keessatti, isin marrinuu qoodamtoota waan taataniif isin yeroo maraa onnee tiyya keessa ni jirttan. Kanaaf waayee keessaniif miirri natti dhagayamu sirri'i.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa ani amma hidhameeruu fi adoo hin hidhamin Oduu Gammadaatiif falmadhuu fi isii jabeessu, isin martinuu na woliin badhaadha Waaqaa waan qoodantaneef, yennaa mara gadhaa kiyya keessa jirtan. Maarre marroo teessaniif yaadi natti dhage'amiisatti jiru sirri'i.