Philippians 1:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Jaalalli keessan beekkumaa fi hubanti'iin ka gutame te'ee ittuma akka guddatuuf hin daadimadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kad'achaani anini isani kad'ad'u tana: aka jaalalti teesani hagasira guddatte hubacha dansaafi qalbi d'uga woliini,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Kadhaan anin isanii kadhadhuu ta akka jaalaltii teessan hubachaa dansaa fi qalbii dhugaa waliin hagas irra guddatuu tana,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ulfinnaa fi galanni Rabbiif; daraaraan qajeellumma'aa ka Yesuus Kiristoosiin irraa argamu isin keessa guutee, guyyaa gaafa Kiristoos dhufuutitti qophooftanii qajeellotaa fi mudaa malee akka taataniif waan mishaa qorattanii akka jaalattan, jaalalti teessan beekkumsaa fi hubannaa maraan akka ka duraa caalaa guddatee badhatu ani kana isinii kadhadha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ulfinnaa fi galanni Rabbiif, daraaraan qajeellumma'aa ka Yesuus Kiristoosiin irraa argamu isin keessa guutee, guyyaa gaafa Kiristoos dhufuutitti qophooftanii, qajeellootaa fi mudaa malee akka taataniif waan mishaa qorattanii akka jaalattan, jaalalti teessan beekkomsaa fi hubannaa maraan ka duraa caalaa guddatee akka badhatu ani kana isinii kadhadha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jaalallitti keessan ka beekkomissaa fi hubannaan itti guuttame ta'ee guddata'aa akka deemuuf, ni kadhadha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jaalalli keessan beekkumaa fi hubanti'iin ka guutame te'ee ittuma akka guddatuuf hin daadimadha.