Philippians 2:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kiristoosiin jabeenna, jaalala isaatille'een jajjabeenna, Ayyaana Woyyicha wolille'een tokkummaa yoo qabaattane, mararti'ii fi gadhi-laafummaa woliif yoo mudhittane,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jireenni keesani ka Kristo keesaa isani jabeesa mo? Jaalalti isaa garaa keesani jabeesiti? Lubbuuni wold'aqisa qabdu? Woli naatu?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jireenni keessan ka Kiristoo keessaa isan jabeessa moo? Jaalaltii isaa garaa keessan jabeessitii? Hafuura Qulqulloon waldhaqiisa qabduu? Walii naatuu?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Karaa Kiristoosiitiin gorsa, jaalalaan jabaachu'uun, Ayyaana Woyyu'uun tokkummaa wolii qabaachu'uun, gara laafinnaa fi araaraan gammachuu kiyya fiixaan naa baasaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Karaa Kiristoosiitiin gorsa, jaalalaan jabaachu'uun, Ayyaana Woyyu'uun tokkummaa wolii qabaachu'uun, gara-laafinnaa fi araaraan gammachuu kiyya fiixaan naa baasaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kristosiin jajabaachuu yoo qabaattan, jaalala isaatiin ka jajabaattan yoo taatan, Hafuura Qulqulluu woliin'llee tokkummaa yoo qabaattan, ufii keessanii'llee wolii mishumma'aa fi garaa laafnna yoo wolitti muldhifttan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kiristoosiin jabeenna, jaalala isaatille'een jajjabeenna, Ayyaana Woyyicha wolille'een tokkummaa yoo qabaattane, mararti'ii fi gadhi-laafummaa woliif yoo mudhittane,