Philippians 2:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf, obboleeyyan tiyya! Yennaa mara akkuma ajajantane, yennaa ani isin bira jiru callaa adoo hin te'in, irra caalaa yennaa ani amma isin bira hin jirre ajajama'a! Soda'aa fi rommiisaan fayyinna keessan muummessiisaaf ittuma huja'a;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi oboleyaani tiyya, akuma duri gaafa anini isani woliini jiru na ch'aqaftani, ato isani ira fago jiraad'ele, ammatana hagasile ira na ch'aqasa. Sodaafi holachaani hojad'a aka baafami keesani qit'au.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf obboleeyyaan tiyya, akkuma gaafa durii anin isan waliin jiru na caqaftanii, ammallee adoo ani isan waliin jiraachuu baadheellee hagasillee irraa na caqasaa. Akka baafamii keesan qixaa'uu, sodaa fi hollachaan hojjadhaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! Hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin taane, hennaa maraa worra ajajamu, kabajja'aa fi soda'aan fayyinna keessan raawwadhaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! Hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin taane, hennaa maraa worra ajajamu, kabajja'aa fi soda'aan fayyinna keessan raawwadhaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa waaheloota! Ani yeroo isin woliin turetti yeroo maraa ajajamoota akka turttan, gonkumaa amma yeroo isin irraa fagaadhee jirutti caala'atti ajajamoota akka taataniif isin ni yaadachiisa, Kanaaf tokko tokkoon keessan fayyinna keessan muda maleessa taasisu'uuf, soda'aa fi kabajaan hisadha'aatii hojjadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year