Philippians 2:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yoo tana gootane, ijoollee Waaqaa ta komii hin qannee fi qulliyyee teetanee, dhaloota miccirama'aa fi hamaa kana keessatti akka urji'ii hin issitan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
aka ijoolle Waaqa dadansa, ta wollaalafi ch'ubbu inqamne, ammo ta d'aloota hamafi ka daba keesa teteetu. Aka urjiini gubba ifsitu jiddu worrati ifsa,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
waan cufaa dubbii fi gungumsuu malee tolchaa, akka urjiin gubbaa ibsitu jidduu warraatti ibsaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Edduu isaaniititti dubbii jireennaa dhiyeessa'aa adunyaa tana keessatti akka ifaatitti mudhattan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Edduu isaaniititti dubbii jireennaa dhiyeessa'aa adunyaa tana keessatti akka ifaatitti mudhatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun'llee yoo ta'e dhaloota daba'aa fi badaa kana jiddu'utti, heeyibi'ii fi ashaan ka isaanitti hin jirre qulqulluuwwan ijoollee Waaqaa ta'u'uun, biyya lafaa kanatti akka urjjiiwwan titti ni ifittan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yoo tana gootane, ijoollee Waaqaa ta komii hin qannee fi qulliyyee teetanee, dhaloota micciirama'aa fi hamaa kana keessatti akka urji'ii hin issitan.